18 Isaan mana Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼe sanaa dhiisanii utubaawwan waaqeffannaa* fi waaqolii tolfamoo tajaajiluu jalqaban; yakka isaaniitiin kan kaʼes, Yihudaa fi Yerusaalem irratti dheekkamsi Waaqayyoo ni dhufe.*
3 Iddoowwan ol kaʼoo abbaan isaa Hisqiyaas diige+ deebisee ni ijaare; akkasumas Baʼaaliif iddoowwan aarsaa ni dhaabe; utubaa waaqeffannaas* ni hojjete; guutummaa raayyaa samiitiif ni sagade; isaaniinis ni tajaajile.+