-
Nahimiyaa 9:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Isaan dhaggeeffachuu ni didan;+ gochawwan kee warra dinqisiisoo isaan gidduutti raawwattes hin yaadanne; kanaa mannaa mata jabeeyyii taʼan;* gara garbummaa isaanii isa Gibxii keessaatti deebiʼuufis geggeessaa ni muudan.+ Ati garuu Waaqa dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼe,* gara laafessa,* araara qabeessa, aariidhaaf hin ariifannee fi jaalala amanamaa hedduu qabu+ waan taateef, isaan hin dhiisne.+
-
-
Nahimiyaa 9:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Ati gara Seera keetti isaan deebisuuf irra deddeebitee kan isaan akeekkachiiste taʼus, isaan garuu of tuultota taʼan; ajajawwan kees dhagaʼuu ni didan;+ dambiiwwan kee warra namni tokko yoo isaan eege lubbuudhaan ittiin jiraatu+ sana irrattis cubbuu ni raawwatan. Isaan mata jabinaan dugda isaanii sitti ni garagalchan; boqu jabeeyyii taʼan; dhaggeeffachuus ni didan.
-