-
Ermiyaas 52:31-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Achiis Yehoyaakiin+ mootiin Yihudaa boojiʼamee waggaa 37ffaatti, jiʼa 12ffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 25ffaatti, Eewil Merodaak mootiin Baabilon waggaa mootii itti taʼetti Yehoyaakiin isa mootii Yihudaa taʼe mana hidhaatii ni gadhiise.*+ 32 Innis gaarummaadhaan isatti dubbate; teessoo isaas teessoowwan mootota warra isaa wajjin Baabilon keessa turan kaan irra ol ni godhe. 33 Kanaafuu, Yehoyaakiin uffata mana hidhaa of irraa ni baase; guutummaa bara jireenyaa isaattis yeroo hundumaa maaddii mootichaa irraa ni nyaata ture. 34 Bara jireenyaa isaa hundumaatti guyyaa guyyaadhaan mootii Baabilon biraa yeroo hundumaa hamma guyyaa duʼa isaatti sooranni isaaf ni kennama ture.
-