-
2 Seenaa Baraa 33:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Akkasumas, mooraawwan mana Yihowaa+ lamaan keessatti guutummaa raayyaa samiitiif iddoowwan aarsaa ni ijaare.
-
-
2 Seenaa Baraa 36:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Ajajjoonni lubootaa hundii fi sabichi, wantoota jibbisiisoo saboonni kaan raawwatan hundumaa raawwachuudhaan akka malee amanamummaa isaanii hirʼisanii turan; kana malees, mana Yihowaa isa inni Yerusaalem keessatti qulqulleessee ture ni xureessan.+
-
-
Ermiyaas 7:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Manni maqaan koo itti waamamu kun ija keessan duratti holqa saamtotaa taʼee?+ Kunoo, anumti iyyuu kana argeera” jedha Yihowaan.
-
-
Hisqiʼel 8:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Anis seenee nan ilaale, achiis akaakuu fakkii wantoota munyuuqanii fi bineensota jibbisiisoo taʼanii+ hundumaa, akkasumas waaqolii tolfamoo mana Israaʼel warra balfamoo* taʼan+ hundumaa nan arge; isaan guutummaa girgiddaa sanaa irratti bocamanii turan. 11 Jaarsoliin mana Israaʼel 70ni isaan dura dhaabbatanii turan; Yaaʼaazaaniyaan ilmi Shaafaan+ immoo isaan gidduu dhaabbatee ture. Tokkoon tokkoon isaanii qodaa ixaana itti aarsan harka isaaniitti qabatanii turan; aarri ixaanichaa inni urgaaʼus ni aara ture.+
-