-
Ermiyaas 5:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Daandiiwwan Yerusaalem irra asii fi achi deemaa.
Asii fi achi ilaalaa, qalbeeffadhaas.
Nama haqa raawwatu,+
Nama amanamaa taʼuu barbaadu tokko argachuu yoo dandeessaniif,
Addabaabayiiwwan ishii keessa barbaadaa,
Anis ishiidhaaf dhiifama nan godha.
-
-
Ermiyaas 9:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Maal taʼa lafa onaa keessatti buufata imaltuu utuun qabaadhee!
Hundi isaanii ejjitoota,+
Tuuta gantootaas waan taʼaniif,
Silaa saba koo dhiisee, irraas fagaadhee nan deeman ture.
-
-
Daaniʼel 9:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Israaʼelonni hundi sagalee keetiif ajajamuu diduudhaan Seera kee waan cabsaniif, akkasumas waan irraa garagalaniif, ati abaarsaa fi kakaa isa Seera Musee isa tajaajilaa Waaqa dhugaa taʼe sanaa keessatti barreeffame nu irratti fiddeetta;+ sababiin isaas, nuti cubbuu si irratti hojjenneerra.
-