-
2 Mootota 24:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Akka kanaan inni Yehoyaakiiniin+ boojiʼee gara Baabilonitti geesse;+ kana malees haadha mootichaa, haadhotii manaa mootichaa, abbootii taayitaa mana mootummaa isaa fi namoota guguddaa biyyattii Yerusaalem keessaa boojiʼee gara Baabilonitti geesse. 16 Kana malees, mootiin Baabilon loltoota 7,000 fi namoota ogeeyyii harkaa taʼanii fi hojii sibiilaa hojjetan* 1,000 boojiʼee gara Baabilonitti geesse; hundi isaanii namoota jajjaboo fi waraanaaf leenjiʼan turan.
-
-
Ermiyaas 29:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Xalayaan Ermiyaas raajichi Yerusaalem irraa gara jaarsolii uummata boojiʼame gidduutti argamaniitti, gara lubootaatti, gara raajotaattii fi gara namoota Nebukadnezaar Yerusaalem irraa gara Baabilonitti boojuudhaan fudhate hundumaatti erge akkana jedha; 2 kunis kan taʼe, Yikooniyaan+ Mootichi, haati mootichaa,*+ abbootiin taayitaa mana mootummaa, bulchitoonni Yihudaa fi Yerusaalem, ogeeyyiin harkaa fi warri hojii sibiilaa hojjetan* Yerusaalem keessaa erga baʼanii booda ture.+
-