-
Ermiyaas 33:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Iddoo ona namnis taʼe horiin keessa hin jirre kana keessatti, magaalota ishii hundumaa keessattis ammas iddoowwan dheedichaa tiksitoonni bushaayee isaanii itti boqochiisan ni jiraatu.’+
-
-
Hisqiʼel 36:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Saba keessan, jechuunis guutummaa mana Israaʼel, eeyyee, hunda isaanii nan baayʼisa; magaalonni kan namni keessa jiraatu ni taʼu;+ diiggaawwanis deebiʼanii ni ijaaramu.+ 11 Eeyyee, saba keessanii fi horii keessan nan baayʼisa;+ lakkoofsi isaanii ni dabala, ni horus. Akkuma kanaan duraatti namni akka isin keessa jiraatu nan godha;+ isa kanaan duraa caalaas badhaadhota akka taatan nan godha;+ isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+
-