-
Keessa Deebii 28:54-57Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
54 “Isin gidduudhaa namni hundumaa caalaa garraamii taʼee fi qananiitti guddate illee obboleessa isaatiif yookiin haadha manaa isaa ishii jaallatuuf yookiin ilmaan isaa warra hafaniif hin gaddu; 55 inni magaalonni kee marfamanii rakkachuu isaaniitiin kan kaʼe, akkasumas diinonni kee magaalota kee dhiphisuu isaaniitiin kan kaʼe, wanta kan biraa waan hin qabneef, foon ilmaan isaa isa nyaatu sana irraa homaa isaaniif hin kennu.+ 56 Isin gidduudhaa dubartiin hundumaa caalaa garraamii taate, qananiitti guddattee fi faana miila ishiitiin lafa ejjechuu hin barbaanne+ illee abbaa manaa ishii isa jaallattuuf yookiin ilma ishiitiif yookiin intala ishiitiif hin gadditu; 57 obbaatii luka ishii gidduudhaa baʼuu fi ilmaan deesseef illee hin gadditu; sababiin isaas, magaalonni kee marfamanii rakkachuu isaaniitiin, akkasumas diinonni kee magaalota kee dhiphisuu isaaniitiin kan kaʼe ishiin dhoksaatti isaan ni nyaatti.
-