-
Hisqiʼel 25:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ati harka kee waan walitti rukutteef,+ miila keetiin waan lafa dhidhiitteef, biyya Israaʼel irratti akka malee qoosuudhaanis waan* gammaddeef,+ 7 akka isaan si saamaniif sabootatti dabarsee si kennuuf si irratti harka koo nan diriirsa. Saboota keessaa sin kuta, biyyoota keessaas sin balleessa.+ Haxaaʼee sin balleessa; atis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatta.’
-