-
1 Seenaa Baraa 9:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Iddoo amanamummaa gaafatu irratti ajajjoonni* karra eegdota taʼan afur jiru turan. Isaan Leewwota turan; kutaawwan* sanaa fi manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa keessattis itti gaafatamummaa qabu turan.+ 27 Isaan halkan guutuu iddoo isaanii qabatanii mana Waaqa dhugaatti marsanii bulu turan; isaan hojii eegumsaa ni hojjetu, furtuu ni qabatu, akkasumas ganama ganama manicha ni banu turan.
-