-
Hisqiʼel 40:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Mooraan inni alaa karra gara kaabaatti garagale tokko qaba ture; innis dheerina isaa fi dalga isaa ni safare. 21 Garanaa fi garasiin kutaawwan eegduu sadi sadii jiru turan. Safarri utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatanii fi kan barandaa isaa safara karra isa jalqabaa wajjin wal qixa ture. Innis dheerinni isaa dhundhuma 50, dalgi isaa immoo dhundhuma 25 ture.
-