LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 6:31-35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Kutaa isa keessaatti ittiin seenuuf akka taʼuufis, balbaloota muka gaattiraa, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan, akkasumas maqaaniiwwan kutaa shanaffaa* godhee ni hojjete. 32 Balbaloonni lamaan sun muka gaattiraa irraa kan tolfaman turan; innis isaan irratti fakkii kiruubelotaa, fakkii mukeetii meexxii fi fakkii abaaboowwanii bocee warqiidhaan isaan uwwise; fakkii kiruubelotaa fi fakkii mukeetii meexxii sanas warqiidhaan ni uwwise. 33 Balbala mana qulqullummaa* sanaaf, kutaa arfaffaatiif* akka kanaan muka gaattiraa irraa maqaaniiwwan ni hojjete. 34 Kana malees, muka birbirsaa irraa balbaloota lama ni hojjete. Balballi inni tokko saanqaawwan wiirtuuwwan irratti naannaʼan lama qaba ture; balballi inni kan biraanis saanqaawwan wiirtuuwwan irratti naannaʼan lama qaba ture.+ 35 Innis fakkii kiruubelotaa, fakkii mukeetii meexxii fi fakkii abaaboowwanii bocee, bocawwan sana warqiidhaan uwwise.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi