-
Leewwota 21:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: “Luboota warra ilmaan Aaron taʼaniin akkana jedhi: ‘Namni kam iyyuu saba isaa gidduudhaa nama* duʼeen of hin xureessin.+ 2 Haa taʼu malee, fira dhiigaa isaa warra dhihoo taʼaniif, jechuunis haadha isaatiif, abbaa isaatiif, ilma isaatiif, intala isaatii fi obboleessa isaatiif akkana gochuu ni dandaʼa; 3 obboleettiin isaa durba yoo taate, akkasumas naannoo isaa kan jiraattuu fi kan hin heerumne yoo taate ishiidhaaf of xureessuu ni dandaʼa.
-