-
Hisqiʼel 47:15-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 “Kallattii kaabaatiin daangaan biyyattii isa kana: Galaana Guddaa irraa kaʼee daandii Hetloonitti+ geessu irra darbee gara Zedaaditti,+ 16 Hamaatitti,+ Beerotaatittii+ fi Sibraayim ishii naannoo Damaasqoo fi naannoo Hamaat gidduutti argamtuutti, achiis gara Hazeer Hatikoon ishii daangaa Hawuraan+ irratti argamtuutti qajeela. 17 Akka kanaan daangaan kun galaanicha irraa kaʼee, kallattii kaabaa daangaa Damaasqoo fi daangaa Hamaat+ bira darbuudhaan gara Hazaar Enoonitti+ qajeela. Kun daangaa isa kaabaa ti.
-