20 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, dheekkamsi koo fi aariin koo bakka kanatti, namaa fi horii irratti, akkasumas mukeetii fi firii lafaa irratti ni dhangalaʼa;+ inni ni bobaʼa, hin dhaamus.’+
13 Sana booda aariin koo ni xumurama, dheekkamsi koos isaan irraa ni qabbanaaʼa, anis nan gammada.+ Yommuun dheekkamsa koo isaan irratti dhangalaasee xumuruttis, isaan kana kan dubbate ana Yihowaa isa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan cimsee barbaadu+ sana taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.