2 Suraafelonni isa gararraa dhaabbatanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis qoochoowwan jaʼa jaʼa qabu turan. Tokkoon tokkoon isaanii qoochoowwan lamaan fuula isaanii, akkasumas qoochoowwan lamaan miila isaanii haguuganii turan; qoochoowwan lama lamaan immoo ni barrisu turan.