-
Baʼuu 32:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Achiis Museen karra buufatichaa duratti iddoo isaa qabatee, “Yihowaa cinaa kan dhaabbatu eenyu? Gara koo haa dhufu!”+ jedhe. Leewwonni hundis naannoo isaatti walitti ni qabaman. 27 Yeroo kanatti inni, “Yihowaan Waaqni Israaʼel, ‘Tokkoon tokkoon namaa goraadee isaa haa hidhatu; achiis guutummaa buufatichaa keessa karra tokko irraa gara karra isa kaanii deemuudhaan obboleessa isaa, ollaa isaa fi michuu isaa haa ajjeesu’ jedheera” isaaniin jedhe.+
-