-
Iyyaasuu 2:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Namoonni sunis akkana ishiidhaan jedhan: “Nuti kakaa nu kakachiiste+ kana eeguuf kan dirqamnu, 18 gara biyyattiitti yommuu dhufnu wadaroo diimaa kana foddaa ittiin gad nu buuste irratti yoo hiite qofa dha. Abbaa kee, haadha tee, obboloota kee fi maatii abbaa keetii hundumaa mana kana keessatti walitti qabi.+ 19 Yeroo kanatti namni kam iyyuu mana kee keessaa gara alaatti yoo gad baʼe dhiigni isaa mataa isaa irra taʼa; nutis yakka irraa walaba taana. Haa taʼu malee, namoota sii wajjin mana keessa jiran keessaa isa kam irra iyyuu balaan yoo gaʼe,* dhiigni isaa mataa keenya irra taʼa.
-
-
Mulʼata 9:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Isaan namoota chaappaa Waaqayyoo adda isaanii irraa hin qabne qofa malee, biqiltoota lafaa yookiin biqiltuu lalisaa yookiin muka kam iyyuu akka hin miine isaanitti himame.+
-