-
Hisqiʼel 33:30, 31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 “Yaa ilma namaa, sabni kee dallaawwan cinaattii fi balbala manneenii biratti waaʼee kee ni dubbatu.+ Tokkoon tokkoon namaa obboleessa isaatiin, ‘Kottu, dubbii Yihowaa irraa dhufu haa dhaggeeffannu’ jechaa jira. 31 Isaan akka saba kootti si dura taaʼuuf gara keetti ni yaaʼu; dubbii kee ni dhagaʼu, garuu hin raawwatan.+ Sababiin isaas, isaan afaan isaaniitiin sobanii si jaju;* garaan isaanii garuu buʼaa sirrii hin taane argachuuf hawwa.
-