-
Keessa Deebii 22:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 “Haa taʼu malee, himanni kun dhugaa yoo taʼee fi ragaan intalattiin durba taʼuu ishii argisiisu yoo dhabame, 21 ishiin mana abbaa ishii keessa utuu jirtuu ejja raawwachuudhaan+ Israaʼel keessatti gocha salphinaa waan raawwatteef,+ intala sana gara balbala mana abbaa ishiitti haa baasan; namoonni magaalaa ishiis dhagaadhaan tumanii ishii haa ajjeesan. Akka kanaan wanta hamaa taʼe of gidduudhaa balleessi.+
-