LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 3:18-23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Guyyaa sanatti Yihowaan faayawwan isaanii hundumaa irraa ni fuudha: albuu isaanii isa miidhagaa,

      Faaya adda irratti hidhamuu fi faaya boca baatii haaraatiin tolfame,+

      19 Lootii,* bitawoo fi haguuggii,

      20 Faaya mataa, albuu fi qabattoo miidhagfame,*

      Miʼa dibataa* fi kudhaama,

      21 Qubeellaa fi amartii funyaanii,

      22 Uffata guyyaa addaatti uffatamu, uffata irraan uffatamu, waaroo fi boorsaa harkaa,

      23 Daawwitii harkaa+ fi uffata quncee talbaa,*

      Akkasumas marata mataa fi shaashii.

  • Ermiyaas 4:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Amma balleeffamteetta, egaa maal goota?

      Uffata diimaa uffatta,

      Faayawwan warqiitiin of miidhagsita,

      Ija kee kuullattees guddaa fakkaatee akka mulʼatu goota turte.

      Haa taʼu malee, warri kajeellaa isaaniitiin si duukaa buʼaa turan waan si jibbaniif,

      Of miidhagsuun kee gatii hin qabu;+

      Isaan amma lubbuu kee balleessuu barbaadu.*+

  • Hisqiʼel 16:39
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 39 Harka isaaniitti dabarsee sin kenna; isaanis tabbawwan kee ni diigu; iddoowwan kee warri ol kaʼoon ni jigu;+ isaan uffata kee si irraa ni baasu,+ faayawwan kee warra mimmiidhagoos ni fudhatu;+ guutummaattis qullaa kee akka taatu ni godhu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi