-
Hisqiʼel 5:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Si keessaa harka sadii keessaa harki tokko golfaadhaan* ni duʼu yookiin beelaan si gidduutti ni dhumu. Harka sadii keessaa harki tokko naannoo keetti goraadeedhaan ni kufu.+ Harka sadii keessaa harka tokko immoo kallattii hundumaatiin* nan bittinneessa; isaan ariʼuufis goraadee nan luqqiffadha.+ 13 Sana booda aariin koo ni xumurama, dheekkamsi koos isaan irraa ni qabbanaaʼa, anis nan gammada.+ Yommuun dheekkamsa koo isaan irratti dhangalaasee xumuruttis, isaan kana kan dubbate ana Yihowaa isa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan cimsee barbaadu+ sana taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.
-