-
2 Qorontos 1:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Sababiin isaas, Ilmi Waaqayyoo Yesuus Kiristoos inni karaa keenya, jechuunis karaa koo, karaa Silwaanosii* fi karaa Ximotewos+ isin gidduutti lallabame, “eeyyee,” booda immoo “lakki” hin taane; kanaa mannaa, isaa wajjin haala wal qabateen “eeyyeen” “eeyyee” taʼeera. 20 Abdiiwwan Waaqayyo kenne hammam iyyuu baayʼee yoo taʼan, karaa isaa “eeyyee” taʼaniiru.+ Kanaafuu, nuti karaa isaa Waaqayyoof “Ameen” jenna;+ akka kanaan ulfina isaaf kennina.
-