-
Daaniʼel 7:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 “Sana boodas mulʼata halkaniin natti dhufe sana irratti bineensa arfaffaa nan arge; inni baayʼee kan nama sodaachisu, kan nama naasisuu fi cimina addaa kan qabu ture; ilkaan sibiilaa guguddaas qaba ture. Inni wanta hundumaa ni nyaata, ni caccabsa, isa irraa hafe immoo miila isaatiin ni dhidhiita ture.+ Bineensota isa dura turan hundumaa irraa adda ture; akkasumas gaanfota kudhan qaba ture.
-
-
Daaniʼel 7:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 “Achiis waaʼee bineensa arfaffaa isa warra kaan hundumaa irraa adda taʼe sanaa caalaatti beekuun barbaade; inni akka malee kan nama sodaachisu, ilkaan sibiilaa fi qeensa sibiila diimaa kan qabu yeroo taʼu, wanta hundumaa nyaachaa fi caccabsaa, isa irraa hafe immoo miila isaatiin dhidhiitaa ture;+
-