-
Daaniʼel 2:47Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
47 Achiis mootichi Daaniʼeliin, “Ati iccitii kana mulʼisuu waan dandeesseef, dhugumaan Waaqni kee Waaqa waaqolii, Gooftaa moototaa fi isa iccitii mulʼisu dha”+ jedhe.
-
-
Daaniʼel 4:34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 “Yommuu barri sun xumuramutti+ ani Nebukadnezaar gara samiitti ol nan ilaale; hubannaan koos naaf deebiʼe; Isa Hundaa Olii sana nan jajadhe, isa bara baraaf jiraatu sanaaf jajannaa fi ulfina nan kenne; sababiin isaas, bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, mootummaan isaas dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.+
-