-
Daaniʼel 4:32, 33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 ati ilmaan namootaa gidduudhaa ni ariʼamta. Bineensota bosonaa wajjin ni jiraatta; akkuma qotiyyootti akka nyaattuuf margi siif ni kennama; Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa taʼuu isaa fi nama barbaade kamiif iyyuu akka isa kennu hamma beektutti barri torba si irratti ni darba.’”+
33 Yeruma sana wanti dubbatame sun Nebukadnezaar irratti raawwii isaa argate. Inni ilmaan namootaa gidduudhaa ariʼamee akkuma qotiyyoo marga dheeduu jalqabe; rifeensi isaa akka baallee risaa hamma dheeratutti, qeensi isaas akka qeensa allaattii hamma taʼutti qaamni isaa fixeensa samiitiin ni jiidhe.+
-