19 Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii fi miila isaanii achitti ni dhiqatu.+ 20 Isaan yeroo gara dunkaana walgaʼiitti seenan yookiin yeroo tajaajiluu fi aarsaan ibiddaan dhihaatu Yihowaadhaaf akka aaru gochuuf gara iddoo aarsaatti dhihaatan akka hin duuneef bishaaniin ni dhiqatu.