-
Hojii Ergamootaa 2:16-18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Kanaa mannaa, kun wanta karaa Yooʼel raajichaa akkana jedhamee dubbatame dha: 17 ‘Waaqayyo akkana jedha: “Guyyoota dhumaatti, ani hafuura koo* foon kan taʼe hunda irratti nan dhangalaasa; ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa keessan raajii ni dubbatu; dargaggoonni keessan mulʼata ni argu; maanguddoonni keessanis abjuu ni abjuʼatu;+ 18 guyyoota sanatti garboota koo fi garbittiiwwan koo irratti illee hafuura koo* nan dhangalaasa, isaanis raajii ni dubbatu.+
-