LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hisqiʼel 35:10, 11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 “Yihowaan achi kan jiru taʼus ati, ‘Saboonni kun lamaanii fi biyyoonni kun lamaan kan koo ni taʼu; nutis lamaan isaanii iyyuu dhaala godhannee fudhanna’+ waan jetteef, 11 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, jibba isaaniif qabduun kakaatee aarii fi hinaaffaa akkuma argisiistetti anis akkanuma si irratti nan godha;+ yommuun si irratti murteessuttis isaan gidduutti of nan beeksisa.

  • Sefaaniyaa 2:8, 9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 “Ani arrabsoo Moʼaabii+ fi Amoonota+

      Warra saba koo arrabsanii fi lafa isaanii fudhachuuf of tuulummaadhaan isaan doorsisanii dhagaʼeera.”+

       9 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha,

      Moʼaab akka Sodoom,+

      Amoonis akka Gomoraa ni taʼu,+

      Iddoo doobbiin itti biqiluu fi boolla soogiddaa ni taʼu, yeroo hundumaatiifis ona ni taʼu.+

      Warri uummata koo keessaa hafan isaan ni saamu,

      Warri saba koo keessaa hafan isaan ni dhaalu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi