-
Isaayyaas 65:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu,+
Mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu.+
22 Mana isaan ijaaran keessa namni kan biraan hin jiraatu,
Muka wayinii isaan dhaabanis namoonni kan biroon hin nyaatan.
Sababiin isaas, umuriin saba kootii akkuma umurii mukaa ni taʼa,+
Warri ani filadhes hojii harka isaaniitti guutummaatti ni gammadu.
-
-
Hisqiʼel 28:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yommuun mana Israaʼel saboota isaan gidduu isaaniitti bittinnaaʼan keessaa walitti qabutti,+ saboota duratti isaan gidduutti qulqulluu nan taʼa.+ Isaanis biyya isaanii isa ani tajaajilaa koo Yaaqoobiif kenne+ irra ni jiraatu.+ 26 Achi irras tasgabbiidhaan ni jiraatu;+ manneen ni ijaarratu, muka wayiniis ni dhaabbatu;+ yommuu ani warra isaanitti marsanii jiranii fi isaan tuffatan hundumaa irratti murtii dabarsutti+ isaan tasgabbiidhaan ni jiraatu; ani Waaqa isaanii Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubatu.”’”
-