22 Yeroo kanatti Saamuʼel akkana isaan jedhe: “Yihowaan hamma dubbii Yihowaatiif ajajamuutti gammadu, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan kan biraatti ni gammadaa?+ Ilaa, ajajamuun aarsaa irra,+ xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuunis cooma+ korbeessa hoolaa irra ni caala;