20 Itti fufees akkana jedhe: “Nama kan xureessu wanta isa keessaa baʼu dha.+ 21 Keessa namaatii, jechuunis garaa namaa+ keessaa yaanni hamaan ni baʼa; isaanis halalummaa, hanna, ajjeechaa, 22 ejja, sassata, hammina, gowwoomsaa, addaggummaa, hinaaffaa, arrabsoo, of tuulummaa fi gowwummaa dha.