-
Isaayyaas 58:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Soomni ani filadhe akkana taʼuu qabaa?
Guyyaa namni itti of* cunqursu,
Akka migiraatti mataa isaa itti gad gombisu,
Uffata gaddaa fi daaraa irra itti ciisu taʼuu qabaa?
Inni isin sooma jettanii fi guyyaa Yihowaa gammachiisu jettan isa kanaa?
-
-
Luqaas 18:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Fariisichi dhaabbatee garaa isaatti akkana jedhee kadhachuu jalqabe: ‘Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii, jechuunis akka saamtotaa, akka jalʼootaa, akka ejjitootaa, akka nama qaraxa sassaabu kanaa illee waanan hin taaneef sin galateeffadha. 12 Torbanitti siʼa lama nan sooma; waanan argadhu hunda keessaas kurnoo nan kenna.’+
-