-
Luqaas 11:9-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Kanaafuu, ani isiniin nan jedha, kadhachuu keessan itti fufaa,+ isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa, ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa, isiniif ni banama.+ 10 Kan kadhatu hundi ni kennamaaf,+ kan barbaadu hundi ni argata, kan balbala rurrukutu hundis isaaf ni banama. 11 Isin keessaa abbaan ilmi isaa qurxummii yoo isa kadhate bofa kennuuf jiraa?+ 12 Hanqaaquu yoo isa kadhate hoo torbaanqabaa ni kennaafii? 13 Kanaafuu, isin hamoota taatanii utuu jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni samii immoo warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu caalchisee hin kennuu ree?”+
-