LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 3:16-19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Namoonni 12n+ inni filates* warra kana: Simoon isa inni Pheexiros+ jedhee moggaase, 17 Yaaqoob ilma Zabdewosii fi Yohaannis obboleessa Yaaqoob (inni obbolaa kana “Boʼanerges” jechuunis, “Ilmaan Kakawwee”+ jedhee moggaase), 18 Indiriyaas, Filiphoos, Bartolomewos, Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewoos, Taadewoos, Simoon isa hinaafticha, 19 akkasumas Yihudaa Asqoroticha isa yeroo booda dabarsee isa kenne.

      Achiis gara mana tokkoo ni seene;

  • Luqaas 6:13-16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yommuu bariʼus, barattoota isaa ofitti waamee isaan keessaa namoota 12 filatee ergamoota jedhee moggaase; isaanis kanneen kana dha:+ 14 Simoon isa inni Pheexiros jedhee moggaasee fi obboleessa isaa Indiriyaas, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos,+ Bartolomewos, 15 Maatewos, Toomaas,+ Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa “hinaafticha” jedhamu, 16 Yihudaa ilma Yaaqoobii fi Yihudaa Asqoroticha isa gantuu taʼe.

  • Hojii Ergamootaa 1:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yommuu achi gaʼanis, kutaa fooqii irra jiruu fi keessa jiraachaa turanitti ol baʼan. Isaanis Pheexiros, Yohaannis, Yaaqoob, Indiriyaas, Filiphoos, Toomaas, Bartolomewos, Maatewos, Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa hinaaftichaa fi Yihudaa ilma Yaaqoob turan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi