20 Haa taʼu malee, Ilmi Waaqayyoo akka dhufe beekna;+ inni waaʼee isa dhugaa taʼe sanaa beekumsa akka argannuuf hubannaa nuuf kenneera. Nutis karaa Ilma isaa Yesuus Kiristoos, isa dhugaa taʼe sanaa wajjin tokkummaa qabna.+ Inni Waaqa dhugaa fi jireenya bara baraa ti.+