-
Luqaas 11:31, 32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Mootuun kibbaa+ ogummaa Solomoon dhagaʼuuf andaara lafaatii kaatee waan dhufteef, yeroo murtiitti dhaloota kanaa wajjin kaatee isaanitti murteessiti. Haa taʼu malee, kunoo, Solomoon irra kan caalu as jira.+ 32 Namoonni Nanawwee lallaba Yoonaas dhagaʼanii yaada waan geddarataniif,+ yeroo murtiitti dhaloota kanaa wajjin kaʼanii itti murteessu. Haa taʼu malee, kunoo, Yoonaas irra kan caalu as jira.
-