-
Luqaas 19:36-38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
36 Utuu inni deemaa jiruus namoonni uffata isaanii karaa irra afu turan.+ 37 Achiis daandii Gaara Ejersaa irraa gad buusutti akkuma dhihaateen, barattoonni isaa hundi dinqiiwwan argan hundumaatiin kan kaʼe, gammaduu fi sagalee isaanii guddisanii Waaqayyoon jajachuu jalqaban; 38 “Mootiin maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha! Nagaan samii irratti, ulfinnis ol gubbaa irratti haa taʼu!”+ jedhu turan.
-