-
Luqaas 20:37, 38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 Warri duʼan akka duʼaa kaʼan garuu, Museen iyyuu seenaa waaʼee harangamaa bobaʼuu dubbatu keessatti, ‘Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’+ jedhee Yihowaa* waamuudhaan ifa godheera. 38 Hundi isaanii isaaf* jiraatoo waan taʼaniif, inni Waaqa warra jiraatoo ti malee, Waaqa warra duʼanii miti.”+
-
-
Roomaa 4:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 (Kunis kan taʼe akkuma, “Ani saboota hedduudhaaf abbaa si godheera” jedhamee barreeffametti.)+ Kun kan taʼe Waaqayyo isa Abrahaam amanate, isa warra duʼan jiraataa godhuu fi wantoota hin jirre akka jiranitti waamu duratti dha.
-