-
Maatewos 6:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Namootatti argisiifachuuf+ jettanii hojii qajeelummaa keessan isaan duratti akka hin hojjenne of eeggadhaa; akkana yoo gootan Abbaa keessan isa samii biraa badhaasa hin argattan. 2 Kanaafuu, ati yommuu kennaa gara laafinaa* kennitu akka fakkeessitoonni namoota duratti ulfina argachuuf mana sagadaa fi karaa irratti godhanitti, dursitee malakata hin afuufin. Dhuguman isiniin jedha, isaan badhaasa isaanii guutummaatti argataniiru.
-