39 Yesuusis, “Dhagicha irraa kaasaa” jedhe. Maartaan obboleettiin namicha duʼe sanaa Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, amma guyyaa afur waan taʼeef yoona foolii godhateera” jette. 40 Yesuusis, “Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu+ sitti himee hin turree?” ishiidhaan jedhe.