6 Haa taʼu malee, dura buutonni lubootaa fi eegdonni mana qulqullummaa yommuu isa argan, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanii iyyan.+ Philaaxos immoo, “Ani balleessaa tokko illee isa irratti waanan hin arganneef, isinumti fuudhaatii isa ajjeesaa” isaaniin jedhe.+