5 Maleekaan sun garuu dubartoota sanaan akkana jedhe: “Hin sodaatinaa, Yesuus isa muka irratti fannifamee ture sana barbaadaa akka jirtan ani beeka.+ 6 Inni akkuma jedhee ture duʼaa waan kaafameef amma as hin jiru.+ Kottaa, bakka reeffi isaa kaaʼamee ture ilaalaa.