-
Lakkoofsa 6:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Dhiirri tokko yookiin dubartiin takka Yihowaadhaaf Naazrota*+ taʼanii jiraachuuf wareega adda taʼe yoo wareegan, 3 namni sun daadhii wayinii fi dhugaatii alkoolii kam irraa iyyuu haa fagaatu. Dhangaggaaʼaa daadhii wayinii yookiin dhangaggaaʼaa dhugaatii alkoolii akkamii iyyuu dhuguu hin qabu.+ Cuunfaa firii wayinii irraa tolfame akkamii iyyuu dhuguu yookiin jiidhaas taʼe gogaa firii wayinii nyaachuu hin qabu.
-
-
Maatewos 11:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Haaluma wal fakkaatuun, Yohaannis utuu hin nyaatinii fi utuu hin dhugin dhufe; namoonni garuu, ‘Jinniitu isa keessa jira’ jedhan.
-