-
Maatewos 7:24-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 “Kanaafuu, namni dubbii koo kana dhagaʼee hojii irra oolchu, nama hubataa mana isaa qarsaa irratti ijaarrate fakkaata.+ 25 Bokkaan ni roobe, lolaan ni lolaʼe, bubbeen ni bubbise, manichas ni rukute; haa taʼu malee, manichi qarsaa irratti waan ijaarameef hin jigne. 26 Namni dubbii koo kana dhagaʼee hojii irra hin oolchine garuu, nama gowwaa mana isaa cirracha irratti ijaarrate fakkaata.+ 27 Bokkaan ni roobe, lolaan ni lolaʼe, bubbeen ni bubbise, manichas ni rukute,+ manichis ni jige; guutummaattis ni hurraaʼe.”
-