14 Isaan gara barattoota kaaniitti yommuu dhufan namoonni hedduun isaanitti marsanii argan; barsiisonni seeraas isaanii wajjin falmaa turan.+ 15 Haa taʼu malee, namoonni sun hundi akkuma isa arganiin baayʼee dinqisiifatanii nagaa isa gaafachuuf gara isaatti fiigan.