-
Maatewos 11:21-23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 “Yaa Koraazin, siif wayyoo! Yaa Beetasaayidaa, siif wayyoo! Dinqiiwwan guguddaan isin keessatti raawwataman utuu Xiirosii fi Siidoon keessatti raawwatamaniiru taʼee, isaan silaa yeroo dheeraa dura uffata gaddaa uffatanii fi daaraa keessa taaʼanii yaada geddaratu turan.+ 22 Ani garuu isinitti nan hima, Guyyaa Murtiitti adaba isin irra gaʼu mannaa, isa Xiirosii fi Siidoon irra gaʼutu salphata.+ 23 Atis yaa Qifirnaahom,+ gara samiitti kan ol kaatu sitti fakkaataa? Gara Awwaalaatti* gad ni buuta;+ sababiin isaas, dinqiiwwan guguddaan si keessatti raawwataman utuu Sodoom keessatti raawwatamaniiru taʼee, silaa magaalattiin hanga guyyaa harʼaatti ni jiraatti turte.
-