-
Maatewos 21:28-31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 “Maal isinitti fakkaata? Namichi tokko ijoollee lama qaba ture. Gara ilma isaa isa jalqabaa dhaqee, ‘Ilma koo, harʼa gara maasii wayinii dhaqii hojjedhu’ isaan jedhe. 29 Innis, ‘Hin dhaqu’ jedhee isaaf deebise; booda garuu gaabbee dhaqe. 30 Ilma isaa isa lammataa bira dhaqees akkanuma isaan jedhe. Innis, ‘Nan dhaqa, abbaa* koo’ jedhee isaaf deebise; garuu utuu hin dhaqin hafe. 31 Lamaan isaanii keessaa fedhii abbaa isaa kan raawwate isa kami?” Isaanis, “Isa jalqabaa ti” jedhan. Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, warri qaraxa sassaabanii fi sagaagaltoonni isin dursanii Mootummaa Waaqayyootti galu.
-