-
Leewwota 12:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Ishiin ilma yookiin intala deessee yeroon itti qulqullooftu yommuu xumuramutti, aarsaa gubamuuf+ akka taʼutti xobbaallaa hoolaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko, aarsaa cubbuutiif akka taʼutti immoo gugee bosonaa yookiin cuucii gugee tokko gara balbala dunkaana walgaʼiitti gara lubichatti fiddi. 7 Innis Yihowaa duratti isa dhiheessee araara ishiidhaaf ni argamsiisa; ishiinis dhiiga ishii isa dhangalaʼu irraa ni qulqulloofti. Seerri dubartii ilma yookiin intala deesse ilaalchisee kenname kana dha.
-