-
Baʼuu 16:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Yihowaan Sanbata akka isiniif kenne yaadadhaa.+ Inni guyyaa jaʼaffaatti nyaata guyyaa lamaaf taʼu kan isiniif kennu kanaafi. Guyyaa torbaffaatti namni hundi bakkuma jiru haa taaʼu; eenyu iyyuu naannoo isaa gadhiisee deemuu hin qabu.”
-
-
Baʼuu 20:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Guyyaa jaʼaaf hojii kee fi wantoota raawwattu hundumaa raawwadhu;+ 10 guyyaan torbaffaan garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf sanbata dha. Ati yookiin ilmi kee yookiin intalli tee yookiin garbichi kee yookiin garbittiin tee yookiin beeladni kee yookiin namni biyya ormaa gandeen* kee keessa jiraatu hojii akkamii iyyuu hin hojjetinaa.+
-
-
Baʼuu 31:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Guyyaa jaʼaaf hojiin hojjetamuu dandaʼa; guyyaan torbaffaan garuu sanbata guutummaatti itti boqotamu dha.+ Guyyaan kun Yihowaadhaaf qulqulluu dha. Namni guyyaa Sanbataatti hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu.
-
-
Keessa Deebii 5:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “‘Akkuma Waaqni kee Yihowaan si ajajetti, guyyaa Sanbataa qulqulluu godhii eegi.+
-